Waggoota muraasaa asitti haalli technology ballinaan akkasuma saffisaan addunyaa kana irratti guddataa jira. Meeshaaleen ogummaa namaa fakkaatan (AI – Artificial Intelligence) hojii keenya saffisiisuu fi jireenya keenya salphisuuf faayidaa olaanaa qabaachaa jiru. Meeshaalee kanneen keessaa isa beekamoo fi gargaarsa guddaa kennu keessaa tokko ChatGPT dha.
Namoonni hedduun ChatGPT fayyadamuun hojii isaanii salphisaa jiru. Haa ta’u malee, namoonni baay’een akka itti fayyadamuu danda’an hin beekne. Kanaaf, barruu kana keessatti, akkaataa salphaa fi bal’inaan ChatGPT ittiin fayyadamnee oomishtummaa keenya (productivity) fooyyessuu dandeenyu ni ilaalla.
1. ChatGPT jechuun maal jechuudha?
ChatGPT jechuun sammuu nama fakkaatu (AI) dha, kan dhaabbata OpenAI jedhamuutiin qophaa’edha. Gaaffii si gaafatan deebisuu, barreeffama barreessuu, yaada siif kennuu, akkasumas hojii barnootaa fi hojii biroo kumaatamaan lakkaa’aman si gargaaru danda’a.
Fakkeenya hojiiwwan ChatGPT hojjechu danda’u:
- Gaaffii fi deebii marii nama fakkaatu geggeessuu
- Barruu barreessuu fi sirreessuu
- Qorannoo fi ibsa kennuu
- Karoora guyyaa qopheessuu
- Yaadachiisaa fi yaada haarawa kennuu
- Barumsa tokko salphisuun ibsuu
2. Akkaataa ChatGPT Oomishtummaa Keenya Itti Fooyyessu
1) Karoora Guyyaa Qopheessuu
Guyyaa guutuu maal gochuu akka barbaaddu ChatGPT tti himi (Prompts input), isinis sirnaan siif qindeessa.
Fakkeenya:
“Ganama sa’aatii 12 sochii qaamaa gochuun barbaada, sa’aatii 2 irraa jalqabee hojii koo kan mana barumsaa fi barreeffada adda addaa hojjedha, sa’aatii 3 irra ciree nyaadha, galgala sa’aatii 11 hojii idilee fixee boqochuu barbaada. Maaloo karoora guyyaa naaf qopheessi.”
Waan gaafatte kana irratti hundaa’uudhaan ChatGPT karoora sirrii fi salphaa siif kennuuf ni danda’a.
2) Tarree Hojii (To-do List) Uumuu
Hojii kee guyyaa tokko keessatti hojjachuu qabdu tarreeffachuun hojii kee qindeesuu fi galmaan ga’uuf si gargaara. ChatGPT ammoo waan ati hojjachuu barbaaddu tarreessuudhaan salphaadhumatti siif qopheessa.
Fakkeenya:
Prompts ykn barruu isa gaafachuu dandeenyu gadii kana ilaalaa:
“Maaloo hojiiwwan har’a hojjechuu qabu tarreessi.”
Deebii inni siif kennu akka fakkeenyaatti:
- Sochii ganamaa gochuu
- E-mail dubbisuu fi deebisuu
- Barreeffama qabnu xumuruu
- Yaada YouTube ittiin hojjennu qopheeffachuu
- Gammachuu keessan adeemsisuu
Isaan kun egaa gaaffii nuti olitti isaaf kennine irratti hundaa’uudhaan kan nuuf deebiseedha.
3) Ibsaa fi Qorannoo Salphaa
Waa’ee teknooloojii haaraa, barnoota, ykn yaada tokko salphisuun hubachuun yeroo baay’ee barbaachisaadha. ChatGPT immoo wantoota rakkisaa ta’an salphisuun kan siif ibsuudha.
Fakkeenya:
Mee gaaffii gadii kana yoo akkas jennee gaafannu deebisaa waliin qalbiin ilaalaa
“Barumsa Maashinii (Machine Learning) karaa salphaa ta’een naaf ibsi.”
Deebii inni nuuf kenne fakkeenya isaa :
“Machine Learning jechuun, kompitaraan akka sammuu namaatti ofiin waan tokko barachuun hojii itti kennamu hojjechuu dha.”
4) Yaada Kitaabaa ykn Barruu Argachuu
Barreeffama ykn kitaaba tokko barreessuu yoo jalqabde, yaada argachuun ni ulfaata salphaatti yeroo keenya fayyadamnee barreessuu hin dandeenyu. ChatGPT immoo mata-dureewwan adda addaa siif laata, yaada bal’isuun si gargaaras.
Fakkeenya:
Yaada kitaaba ijoollee barreessuu irratti gaafannu kan gadii kana ilaalaa:
“Kitaaba ijoollee irratti barreessuuf yaada barbaada. Maal na gargaarta?”
ChatGPT deebii inni kennu kanatti fufee kan jiruudha.
“Kitaaba ‘Qabsoo Qeerroo fi Bilisummaan Oromoo Yoom’ jedhu barreessi. Qabsoo Qeerroo jaalatamuufi Bilisummaa Oromoo keessatti qooda ati bahatte isa kami” yaada jedhuun deebii siif kennee jira”
5) Barnoota fi Qajeelfama Salphaa Argachuu
Barbaachisummaa barnoota haaraa hubachuuf yeroo baay’een gargaarsa barbaachisa. ChatGPT akka barsiisaa nama tokkootti si gargaara. ChatGPT barsiisaa qofa miti yeroo ammaa namoota qoba galeeyii ta’aniif akka obboleessaatti isa gargaara sababiin isaa waan fedhe hunda gaafachuu deebii irraa argachuu guyyaa guutuu yaada wal jijjiiruudhaan kan dabarsan nii jiru.
Fakkeenya:
Mee kanatti fufee kan jirummoo barnoota waa’ee Zoom irratti gaaffi gaafatameef deebii inni kenne haa ilaallu:
“Akkaataa Zoom irratti meeting itti qopheessan naa himi.”
Deebii:
“1. App Zoom banadhu
2. Sign In godhi
3. ‘New Meeting’ filadhu
4. Link walga’ii namoota biroo waliin qooddattu sana fudhadhu…”
6) Yaadachiisaa fi Hojii Karaa Birootiin Qindeeffachuu
Yeroo ammaa, ChatGPT ofumaan si yaadachiisuu hin danda’u. Haa ta’u malee, ittiin hojjechuu kan dandeessu Google Calendar, Notion, ykn app biroo waliin taasisuun siif gargaara. Kana jechuun qobaa waan si gargaaru hin qabu akkaataa gaaffikee irratti kan hundaa’uudha. Akkasuma app adda addaa kan waliin ta’ee hojjetu waliin hariiroo uumee dhala namaa kan gargaaraa jiruudha.
7) Gaaffii Irra Deddeebi’uun Baruu
Yoo gaaffii tokko yeroo adda addaatti gaafatte, ChatGPT yeroo hunda siif deebisa. Kunis yaada kee sirnaan barreessuu fi ilaalcha qajeelaa ittiin horachuu keessatti si gargaara. Kana jechuun Afaan isaatiin “Prompts” kan jennuudha. As keessatti yaada laannuuf sana jalqaba irraa kaanee shaakaluu guddisuu, ga’umsa olaanaa qabaataa akka deemnuuf hedduu kan nu gargaaruudha. Yaada bilchaataa akka isin galchitaniin innis waanuma bilchaataa ta’e isiniif kenna.
3. Gorsa Dabalataa
➤ Jechoota Salphaa Fayyadami:
Wanti ati barbaaddu akka hubatamuuf jechoota ifa ta’aniin barreessi. Fakkeenyaaf: “Yaada barruu tokko” jedhi malee “kaayyoo barruu gurguddaa walxaxaa” hin jedhin.
➤ Yeroo Baay’ee Yaali:
ChatGPT yaada haaraa siif fiduu danda’a. Yoo hin gammadin deebii isa tokko irraa, haala jijjiiruun yaali. Kana jechuun yaada isa tokkotti yoo hin gammanne itti deebi’uudhan jijjiiri.
➤ Sirreessuu fi Fooyyessuu:
Deebiin siif kennamu yeroo hunda guutuu fi gatii ol’aanaa hin ta’uu ta’a. Ammas fooyyessuu fi gaaffii dabalataa gaafachuun barbaachisaadha. kan inni deebii siif kennu gaaffii ati gaafatte irratti hunda’a.
4. Xumura: Haala Sirrii Ta’een Itti Fayyadami
ChatGPT meeshaa ammayyaa ta’eefi hojii keessan saffisiisuu, sirreessuu fi bu’aa olaanaa fiduuf carraa guddaa qaba. Kanaaf:
- Barbaachisummaa isaa sirriitti hubadhaa
- Meeshaalee biraa waliin fayyadamaa (fkn: Google Docs, Calendar, Canva)
- Hubannoo fi mala ittiin hojjettan bal’ifachuuf itti fufiinsaan itti fayyadamaa.
Akkaataa kanaan ChatGPT waliin hojii keessan qindaa’aa, jireenyi keessan saffisaa fi bu’a qabeessa ta’a. Amma jalqaba, yaali, argadhu, fi firii isaa argaa! Yaada qabdaniif ammoo karaa kana nu quunnamuu dandeessu. Telegram: Gammee